Daangootee Giruuppi Afrikaa Afrikaanotatu misoomsa jedhee amana- Aliikoo Daangootee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 22, 2018 (FMC) – Daangootee Giruuppi Afrikaa Afrikaanotatu misoomsa jedhee amana jedhan Hundeessaafi Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daangootee Giruuppi Aliikoo Daangooteen.Ijaarsa warshaa xaa’oo Yuuriyaa Itiyoophiyaa Invastimanti Hooldiing fi Daangootee Giruuppiin Naannoo Somaaleetti ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.Aliikoo Daangootee wayita kana akka jedhanitti, yeroo ammaa Itiyoophiyaan biyya invastaroota hawwattu taateetti, kanaaf ammoo tattaaffii mootummaan biyyattii taasise kan dinqisiifatamudha jedhan.Qaama pirojektii seena qabeessa kanaa ta’uu isaaniitti gammaduu ibsuun, pirojekticha yeroo qabameefitti xumuruuf waan nurraa eegamu hunda ni raawwanna jedhan.Daangootee Giruuppi imala Itiyoophiyaan nyaataan of danda’uuf taasistuufi muuxannoo waggaa dheeraa ce’umsa inarjii irratti horate fayyadamuun guddina biyyattii saffisiisuuf akka hojjetus kaasaniiru.Soosinnaa Alamaayyoon.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.