Har’a taatee seenaa Itiyoophiyaanota hunda boonsu raawwanne – Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 22, 2018(FMC) – Dooktar Abiy Ahimad ijaarsa warshaa xaa’oo Yuuriyaa fi warshaa boba’aa calaluuf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa taatee seenaa Itiyoophiyaanota hunda boonsu raawwachuu ibsuun; dhagaa bu’uuraaa pirojektoota lamaa kaa’uu dubbatan.Ijaarsa warshaa xaa’oo Yuuriyaa Itiyoophiyaa Invastimanti Hooldiing fi Giruuppii Daangooteen ijaaramuufi ijaarsa warshaa boba’aa calalu Godee kan Giruuppii Gooldan Koonkoordiin ijaaramuuf dhagaa bu’uuraa kaa’uu eeraniiru.Warshaan calallii boba’aa Godee bakka boba’aa Hilaal irraa boba’aa baasuun, calaluun fi kuusuun waggaatti boba’aa toonii miiliyoona 3 fi kuma 500 oomishuu akka danda’u ibsaniiru.Warshaan xaa’oo ammoo bakka boba’aa Kaaluubii baasuun fi ujummoo kiiloomeetira 108 dheeratu fayyadamuun waggaatti toonii miiliyoona 3 oomishuun kan dhiyeessu ta’uu hubachiisan.Pirojektoonni kunneen guddina Indaastirii agarsiisuurra darbee carraalee fayyadamuu, tumsawwan cimsuu fi itti gaafatamummaa waloo keenya nageenya cimsuu kan agarsiisanidha jedhan.Itiyoophiyaanonni hundi gamtaafi tokkummaan guddinaaf akka tumsan waamicha dhiyeessaniiru.Kan yoo goone haala miira Itiyoophiyaa isa dhugaan kabachiisuun waltajjii addunyaarratti sadarkaa Itiyoophiyaa ni guddisna jedhan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.