Aanaa Minjaar Shankooraatti riqichi jiguun lubbuun namoota 36 darbe

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 21, 2018 (FMC) – Naannoo Amaaraa Godina Kaaba Shawaa aanaa Minjaar Shankooraa Arartii Maariyaamitti riqichi ce’umsaaf ijaarame jiguun hanga ammaatti lubbuun namoota 36 darbeera.Ajajaan Poolisii aanichaa Inispeektar Ahimad Gabayyoon akka ibsanitti, balichi kan mudate wayita hordoftoonni ijaarsa bataskaanaa aanichatti ijaaramaa jiru daawwatanitti.Hangi namoota lubbuun isaanii darbee dabaluu akka danda’u ibsaniiru.Balaa Kanaan namoonni 200 ol miidhamuufi hospitaala Arartiitti yaalamaa jiraachuus eeraniiru.Alaayyuu Garramootu Gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.