Qabxiin seensa dhaabbilee barnoota olaanoo gara 297’tti fooyya’e

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 21, 2018(FMC) – Ministeerri Barnootaa qabxiin seensa dhaabbilee barnoota olaanoo 300 irraa gara 297’tti fooyya’uu ifoomseera.Imaammanni barnootaa fi leenjii barattoonni gara sadarkaa barnootaa itti aanuutti darbuuf qabxii %50 fi isaa ol fiduu akka qaban kan kaa’u ta’uu Ministeerichi ibseera.Haaluma Kanaan barattoonni bara barnootaa 2017’tti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii giddugaleessaa %49.50- 49.99 fidan gara %50 akka siqsiifamu murtaa’uu eereera.Kanuma hordofee barattoonni qabxii %49.50 fi isaa ol galmeessan qabxii darbiinsaa gadi aanaa %50 guutuun isaanii beekamee dhaabbilee barnoota olaanoo seenuun barachuu akka danda’an mirkaneesseera.Masaafint Iyyaayyuutu Gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.