Gaachanni Sirnaa nagaafi tasgabbii uumuun uummanni dantaa isaaf malu akka argatu taasisaa jira-BMO

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 6,2017(FMC)- Gaachanni Sirnaa nagaafi tasgabbii uumuun uummanni dantaa isaaf malu akka argatu taasisaa jira jedhe Biiroon Milishaa Oromiyaa.Gaachanni sirnaa qe’ee Oromootti nageenyaafi tasgabbiin uumamuun galmoonni mootummaan qabaman akka milkaa’an taasisuuf sirnaa hundaa’e ta’uu Hoogganaan Biiroo Milishaa Oromiyaa Obbo Abarraa Bunnoo ibsaniiru.Uummata nageenyarratti abboomsuun nageenyaafi tasgabbiin karaa waaraa ta’een akka mirkanaa’u kan taasisu ta’uus kaasaniiru.Bakka uummanni nageenyarratti hin abboomneetti nageenya ceesisuun kan hin danda’amne ta’uu kaasanii, Gaachana Sirnaa sadarkaan uummata keessaa ijaaruun nageenyi akka waara’u hojjetamaa jira jedhan.Gama biraatiin dhaloonni amma jiruufi dhufu aadaafi duudhaa Sirna Gadaatiin nagaafi tasgabbiin akka kabajamu kan taasisu ta’uu eeran.Qaama dhimmi ilaallatu waliin olaantummaan seeraa akka kabajamuuf hojjechaa jiraachuus yaadachiisaniiru.Barbaachisummaa humnoota waloorratti hundaa’uun uummataaf hubannoo kennuun uummanni tokkummaan hojii misoomaafi nageenyaarratti dammaqinaan akka hirmaatu akka taasisus hubachiisan.Gaachanni Sirnaa guutuu Oromiyaatti akka babal’atu hojii hojjetamaa jiru cinatti sadarkaa barbaadamuun akka cimuufi itti gaafatamummaa qabu gahuumsaan akka bahu karaa qindaa’aa ta’een leenjiin kennamaa jira jedhan.Deeggarsaafi hordooffii walitti fufiinsa qabu taasisuun rakkoowwan adeemsa raawwii keessatti mudachuu malan furmaata argachaa akka deeman taasifamaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.