Chaayinaa fi Hindi waggoota shan booda balallii xiyyaaraa kallattiin eegaluufi

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 7, 2017 (FMC) – Chaayinaa fi Hindi waggoota shan booda yeroo jalqabaaf balallii xiyyaaraa kallattiin adda addaatti eegaluuf akka jiran beeksisan.Murteen kun addunyaa irraa lakkoofsa uummataa hedduu kan qaban Chaayinaa fi Hindi hariiroon dippilomaasii fi tumsi diinagdee isaanii guddachaa dhufuun ta’uun eerameera.Haaluma kanaan mootummaan Hindii dhaabbileen xiyyaraa gurguddoo biyyattii “Air India” fi “Indigo” jedhaman torbee dhufu irraa eegalee gara Chaayinaa bakkeewwan ga’umsaa adda addaatti balallii akka jalqaban gaafateera.Biyyoonni lamaan waggoota hedduuf balallii kallattii qabaachaa kan turan yoo ta’u, dhuma bara 2020tti weerara Covid-19 mudate hordofuun addaan cituu isaatu himame.Sababa kanaan waggoota 5’n darbaniif balalliin Niiwuu Delii irraa gara Beejiingii fi magaalota Chaayinaa birootti taasifamaa ture addaan citee ture.Haa ta’u malee, Ministirri Muummee Hindi Naareendiraa Moodii fi pireezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiingi yaa’ii BRICS bara 2024 Kazaan Raashiyaatti gaggeeffame irratti balallii kallattiin jalqabuuf mari’atanii turan.Torban tokko dura yaa’ii Tumsaa Shaangaayii Tiyaanjinitti geggeeffame irratti hoggantoonni lamaan balallii kallattiin eegaluu fi tumsi dinagdee fi siyaasaa biyyoota lamaanii akka cimuuf waliigalaniiru.Niiwuu Deeliin viizaa turistii lammiilee Chaayinaaf kennaa turte waggoota shan booda akka deebi’ee itti fufu kan beeksifte yoo ta’u, Beejiingis gama isheen uggura Yuuriyaa Chaayinaa irra keessee turte kaafteetti.Dinagdee saffisaa kan qaban biyyoonni lamaan tajaajila balallii osoo hin dabalatin wal jijjiirraan daldalaa bara 2023tti qabaachaa turan doolaara biliyoona 100 fi biliyoona 10 ga’uu “RT” fi “Aviation A to Z” gabaasaniiru.Mikiyaas Ayyalaatiin#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.