Finfinnee, Adoolessa 6, 2017 (FMC) – Baatiwwaan saglan darbaniif dorgomamaa kan ture dorgommiin shubbisa Faanaa 80 olaantummaa garee shubbisa Aadaa Aandi Itiyoophiyaan xumurame.Dorgommichi boqonnaa 3 gareewwan shubbisaa 16 waldorgomsiisaa kan ture yoo ta’u, dorgommii xumuraarratti gareewwan 4 hirmaataniiru.Bu’uuruma kanaan gareen shubbisa Aadaa Aandi Itiyoophiyaa dorgommicha injifachuun Birrii kuma 200 badhaafameera.Gareen Shubbisa Ammayyaa Mootootaa 2ffaa bahuun Birrii kuma 100 fi kuma 50 badhaafame.Gareen Shubbisa ammayyaa Gaaffii 3ffaa bahuun badhaasa kuma 100 fi gareen Shubbisa Ammayyaa Giyoon 4ffaa bahuu Birrii kuma 70 badhaafamaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.