Bulchiinsi magaalichaa misooma magaalota naannolee tumsuun badhaadhina hundagaleessaaf hojjechaa jira- Kantibaa Magaalaa Finfinnee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 6, 2017 (FMC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee misooma magaalota naannolee tumsuun badhaadhina hundagaleessa mirkaneesssuf hojjechaa jira jedhan Kantibaan magaalichaa aadde Adaanech Abeebeen.Hoggantoonni Magaalaa Finfinnee fi Naannoo Beenishaanguul Gumuz waltajjii muuxannoo waliif qooduu magaalaa Asoossatti gaggeessaniiru.Bulchiinsichi muuxannoo hojiilee misooma koriidarii hojjechaa jiru magaalota naannoleef qooduun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf hojjechaa jira jedhan Aadde Adaanech waltajjicharratti.Misoomni Koriidarii magaalaa Finfinnee murannoo hoggansaa fi hirmaannaa hawaasa magaalichaan hojjetamaa jira jechuun ibsan.Piroojektoota saffisaan xumuruun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuun danda’amuu kaasan.Kantibaa Adaanechi hojiilee misooma Koriidarii magaalaa Asoosaa kan daawwatan yoo ta’u, hojiileen misooma koriidarii hojjetamaa jiru maqaa gaarii magaalichaa ijaaruun caalmaatti Invastimantii hawwachuuf qooda qabaachuu eeran.Magaalaan Finfinnee hojiilee misoomaa magaalaa Asoosaa tumsuuf qophii ta’uu mirkaneessan.Pireezidaantiin Naannoo Beenishaanguul obbo Ashaadilii Hasan gama isaaniin, hoggantoonni magaalaa Finfinnee tumsa hojiilee misoomaa Asoosaaf taasisan galateeffataniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.