Finfinnee, Adoolessa 6, 2017 (FMC) –Gamaggamni rawwwii hojii paartiifi Mootummaa Naannoo Oromiyaa gaggeeffamaa jira.Bara baajataa xumurame keessa Misooma Turizimiin tuuristoota biyya keessaafi alaarraa waliigala Birrii biiliyoona 21 fi miiliyoona 4 waliiti qabuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 42 fi miiliyoonni 4 ol argamu gamaaggamicharratti ibsame.Oomisha albuudaa gabaa alaaf dhiyaaterraa galiin Doolaarri miiliyoona 700 fi miiliyoonni 69 ol argameera.Galii Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 5 ol sassaabuuf karoorfamee biiliyoonni 100 fi biiliyoonni 99.9 sassaabuu eerame gabaasa dhiyaateen.Manneen barnootaa kuma 9 fi 548 ijaaruuf karoorfamee kuma 10 fi 190 ijaaramuutu ibsame.Istaandaardii manneen barnootaa fooyyessuu waliin wal qabatees kuma 2 fi 948 karoorfamee kumni 3 fi 461 raawwatamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.Nyaata barattootaa manneen barnootaa Godinaaleefi Magaalota Oromiyaa keessatti karaa guutuu ta’een dhiyeessuuf jalqabbiin gaarii jiraachuu gabaasichaan ibsameera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.