Finfinnee, Adoolessa 6, 2017 (FMC) – Fooyyeessi diinagdee taasifame Abbootiin qabeenyaa Hindii fedhii Itiyoophiyaatti hojjechuuf qaban guddise jedhan Itiyoophiyaatti Ambaassaddarri Hindii Aniil Kumar Raay.Fooyyessichi hirmaannaan Abbootii qabeenyaa Hindii akka dabalu haala mijataa uumera jedhan.Tumsa diinagdee biyyoota lamaanii caalmatti guddisuu eeran.Sharafni alaa gabaan akka murtaa taasifamuu fi labsiin lammiileen alaa abbaa qabeenya hin sochoone akka horatan ragga’uun hirmaannaa abbootii qabeenyaa guddisuuf tarkaanfii guddaa akka ta’e himan.Abbootiin qabeenyaa Hindii dameewwan Qonnaa, Albuudaa, Teeknooloojii odeeffannoo, Indaastirii, baankii fi faayinaansii irratti baay’inaan hojjechuuf fedhii qabaachuu dubbachuu TOI gabaaseera.#Oromia#EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.