Joordaan Hendarsan Bireentifoorditti makame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 8, 2017 (FMC) – Dursaa Garee taphattoota Liiverpuul kan ture Joordaan Hendarsan jijjiirraa bilisaan Bireentifoorditti makame.Taphataan sarara gidduu lammiin Ingiliiz Joordaan Hendarsan Ayaaks Ambastardaamiin erga adda bahe jijjiirraa bilisaan Bireentifoorditti makameera.Hendarsan turtii waggoota 12 Liiverpuul keessa tureen Waancaa Piriimeer Liigii, Shaampiyoonsi Liigii, FA dabalatee waancaalee hedduun milkeesseera.Bara faranjootaa Liiverpuul gadi lakkisuun Kilaba Saa’ud Arabiyaa Al Itiifaaqitti makamus waggaa tokko keessatti Ayaaksitti makamuu isaa BBCn gabaaseera.Joordaan Hendarsan Bireentifoordi waliin waliigaltee waggaa lamaa mallatteessera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.