Finfinnee Adoolessa 12, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Mootumma Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii hojii bara 2017 dhiyeessaa jiru.Nageenya naannichaa mirkaneessuuf qaamolee hidhatanii socho’an waliin waliigalteen taasifame nageenya waaresseera jedhan.Waliigaltee WBO waliin taasifameen miseensota galaniif leenjiin haroomsaa kennamuus kaasaniiru.Humnoota fedhii fi qophaa’ummaa hin qabnerratti ammoo tarkaanffiin seeraa fudhatamaa jiraachuu dubbatan Pireezidaanti Shimallis.Ammas karri nageenyaaf banaa ta’uu eeran.Bara baajataa kana keessa hojiilee gama hundaan hojjetameen bu’aan gaariin galmaa’uu himan.Tsahaay Gulummaatu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.