Finfinnee, Hagayya 21, 2017 (FMC)- Kolombiyaan Embaasii ishee Itiyoophiyaa magaalaa Finfinneetti bante.Pireezidaantii itti aantuun Kolombiyaa Firaansiyaa Maarkeez Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taaasisaa jiru.Firaansiyaa Maarkeez turtii isaaniin guyyaa har’a Magaalaa Finfinneetti Embaasii Kolombiyaa bananiiru.Saganticharratti Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos fi Hoggantoonni olaanoo biroon argamaniiru.Dooktar Geediyoon wayita kanatti, Pireezidaantii itti aantuun Kolombiyaa Firaansiyaa Maarkeez hariiroo Itiyoophiyaa fi Kolombiyaa cimsuuf murannoo agarsiisan dinqisifataniiru.Kolombiyaan Embaasii ishee Finfinneetti banuun hariiroo biyyoota lameenii caalmaatti kan cimsuu ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoon Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.Pireezidaantii Itti Aantuun Kolombiyaa Firaansiyaa Maarkeez Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun ni yaadatama.Malaakuu Gaddiftu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.