Pireezidaantii Itti Aanaan Bootiswaanaa Finfinnee galan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 22, 2017 (FMC)- Pireezidaantii Itti Aanaan Bootiswaanaa Nidaabaa Nikoozinaatii guyyaa har’aa Finfinnee galaniiru.Pireezidaantii Itti aanaan kun wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee Simannaa taasisaniifiru.Turtii Finfinneetti taasisaniin, Yaa’ii Hoggantoota Garee Ittisa yakkaa Bahaa fi Kibba Afrikaa qabeenya yookan maallaqa seeraan ala argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyeessuurrattis ni hirmaatu.Dabalataaniis Hojiilee misoomaa garaagaraa ni daawwatuun kan eegamu ta’uu Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggayeen Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.Malaakuu Gaddifiin.Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.