Finfinnee, Hagayya 18, 2017(FMC)- Dhimmi Ulaa Galaanaa kan mootummaa qofa osoo hin taane kan lammii hundaati jedhan hayyoonni.Yuuniivarsiitii Siiviil Sarvisii Itiyoophiyaatti hayyuu Nageenyaafi Bulchiinsaa kan ta’an Dooktar Margituu Dabalaa dhimmi ulaa galaanaa ajandaa mootummaa qofa osoo hin taane ajandaa lammii biyyattii hundaa ta’uu akka qabu dubbatan.Dhimma kana milkeessuuf hojiin mootummaafi dippiloomaatota qofaaf dhiifamuu hin qabu haawaasni hundi dhimma kooti jedhee abbummaan gaafachuu qaba jedhan.Hayyoonnis qorannoofi yaadota garaagaraa dhiyeessuun akkasumas miidiyaaleetti fayyadamuun sadarkaa idil-addunyaatti dhiibbaa uumuu akka qaban kaasaniiru.Inistiitiyuutii Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Leenjisaa Seeraa kan ta’an Shaambal Hordofaan gamasaaniin, akka seera addunyaatti biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne mirga ulaa galaanaa argachuu akka qaban kaasanii, gaaffii mootummaafi biyyi qajeeltoo kennanii fudhachuun ulaa galaanaa argachuuf dhiyeessan gaaffii sirrii ta’uu ibsan.Uummanni miiliyoonni 100 ol ulaa galaanaa malee jiraachuun saaxilamummaa dhiibbaa diinagdeef qabdu kan guddisu ta’uu eeranii, biyyi keenya gaaffii kana bu’uura seeraafi dippiloomaasiin itti adeemuun ishee waan jajjabeeffamudha jedhan.Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa kan ta’an Aadde Beetel Malkaamuun, Itiyoophiyaan haqa ishee gaafachaa jirti, hojii dippiloomaasii hojjetameen biyyoonni guddatan illee haqummaa gaaffii ishee kanaaf ragaa bahaa jiru jedhan.Dhugaan Itiyoophiyaa kun oolee bulee karaa dippiloomaasiin milkaa’uun isaa waan hin oolle ta’uus ibsan.Ayyaanaa Dheeressaan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.