Finfinnee, Hagayya 20, 2017(FMC)- Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin bu’uuraaleen misoomaa daandii misooma gama maraa saffisiisuufi imala badhaadhinaaf deeggarsa olaanaa taasisaa jira jedhan.Yaa’iin Damee Daandii biyyaalessaa mata duree “ Waloon Itiyoophiyaa haa ijaarru” jedhuun magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamaa jira.Aadde Caaltuu Saaniin waltajjicharratti akka jedhanitti, ijaarsi daandii dameewwan bu’uuraalee misoomaa mootummaan xiyyeeffannoo kenneef keessaa tokko.Pirojektiiwwan daandii bakkeewwan hundatti hojjetaman daandiirra darbee ulaa gabaafi qaroominaa ta’uus ibsaniiru.Qaamoleen qooda fudhattootaa hundi pirojektiiwwan ijaarsa daandiif deeggarsa barbaachisaa taasisuu akka qabanis hubachiisaniiru.Pireezidaantiin Naannoo Somaalee obbo Muusxafee Mahaammad gamasaaniin, yaa’ichi guddina biyya keenyaaf gahee olaanaa kan qabu misooma daandii irratti gaggeeffamuun isaa faayidaa guddaa qaba jedhan.Naannichatti daandii dabalatee hojiileen ijaarsa bu’uuraalee misoomaa hojjetamaa jiran cimanii kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru.Beezaawwit Kabbadaatu Gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.