Finfinnee, Hagayya 20, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaatti feestivaalli jalqabaa Teemirii Naannoo Affaar magaalaa Samaraatti gaggeeffamaa jira.Feestivaala kanarratti Pireezidaantii naannichaa obbo Awwal Arbaa, hoggantoota damee qonnaa biyyoota garaagaraa 9 irraa dhufan, qorattootaafi ambaasaaddaroota dabalatee keessummoonni biroon argamaniiru.Obbo Awwal Arbaan ergaa feestivaalicharratti dabarsaniin, feestivaalichi misooma Teemirii teeknooloojiin deeggaruun oomishtummaa isaa guddisuuf faayidaa olaanaa qaba jedhan.Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Mallas Makonnin gamasaaniin, qonna walitti fufiinsa qabu babal’isuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf feestivaalonni akka kanaa qooda olaanaa qabaachuu dubbatan.Naannolee akka Affaar, Soomaalee, Gaambeellaafi Oromiyaa gariin keessatti Teemirii oomishuuf haalli qilleensaa mijataa akka ta’e eeraniiru.Naannawaalee kanneenitti Teemirii oomishuun imala biyyaalessaa wabii nyaataa mirkaneessuuf eegalame cimsuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.Feestivaalichaan tooftaaleen oomisha Teemirii ammayyaa ni xiinxalamuun, sanyiiwwan Teemirii garaagaraa ni beeksifamuun akkasumas qorattoonni damichaa biyyoota garaagaraarraa dhufan muuxannoo isaanii ni qooduun eegama.Feestivaalli kun tumsa Itiyoophiyaafi Eemireetota Araba Gamtoomaniin kan qophaa’e yoo ta’u guyyoota sadiif gaggeeffama.Kaliifaa Kadirtu Gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.