Godina Geediyootti Sigiga lafaan lubbuun namoota 9 darbe

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 22, 2017 (FMC) –Godina Geediyoo Aanaa Reephitti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 9 darbe.Balichi halkan edaa Sa’aatii 5tti kan mudate ta’uu Qajeelchi Poolisii Godinichaa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif ibseera.Balaa mudateen hanga ammaatti lubbuun namoota 9 darbuun ibsameera.Bulchaan Godinichaa Dooktar Zinaabuu Waldee fi qondaaltoonni biroon har’a ganama Aanaa Reephitti argamuun maatii miidhamtoota jajjabeessaniiru.Namoota qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsi barbaachisu kan taasifamu ta’uu dubbataniiru.Maastawaal Asaffaatu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.