Finfinnee, Hagayya 22, 2017 (FMC) – Ameerikaa kutaa bulchiinsa Neevaadaatti sababa haleellaa saayibariitiin waajjiraaleen mootummaa fi marsariitiiwwan tajaajila addaan kutan.Bulchaan bulchiinsa Neevaadaa Joo Loombaardoo haleellaan kun Dilbata darbe barii qaqqabuu isaa himanii, waajjiraalee fi marsariitiiwwan Wixataa fi Kibxata cufaa turan jedhaniiru.Haleellan kun waajjiraalee mootummaa irratti akka xiyyeeffates dubbatanii, qaama haleellaa kana raawwate baruun hanga ammaatti akka hindanda’amne eeraniiru.Qaamni dhimmichi ilaallatu qorachaa akka jiranis dubbataniiru.Marsariitiiwwan mootummaa naannawichaa fi sararri bilbilaa tajaajila kennaa akka hinjirres Biiroon bulchiinsichaa kan ibse yoo ta’u, sararri bilbilaa yeroo balaa fi tajaajilawwan biroon kennamaa jiraachuu ibseera.Biirichi yeroo tajaajilli kun deebi’u ni beeksisa jedheera.Biirooleen bulchiinsa Nevaadaa biroos hojiiwwan toora interneetiin irra deebi’anii kennuuf tattaafachaa jiru jechuun taasisaa akka ”The Washington Times” gabaaseera.