Yaa’iiwwan idil-addunyaa Finfinneetti gaggeeffamuuf jiraniif qophii hoteelotaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 19, 2017(FMC)- Ya’iiwwan idil-addunyaa baatiiwwan Qaammee fi Fulbaana dhufutti magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaniif hoteelonni qophii barbaachisaa taasisaa jiru jedhe Waldaan Abbootii Qabeenyaa Hoteelaa Magaalaa Finfinnee.Torbeen Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii, Yaa’ii 2ffaan Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Afrikaa fi Yaa’ii 2ffaan Hoggantoota Kaariibiyaaniifi Afrikaa baatiiwwan Qaammee fi Fulbaanaa dhufanitti Finfinneetti ni gaggeeffamu.Pireezidaantiin Waldaa Abbootii Qabeenyaa Hoteelaa Magaalaa Finfinnee Aadde Asteer Salamoon Faanaa Diijitaaliitti akka hmanitti, hoteelonni magaalichaa tajaajila keessummoota yaa’icharratti hirmaatan madaalu kennuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiru.Hoteelonni aadaa keessummaa simachuu Itiyoophiyaa agarsiisuu fi tajaajila ammayyaa kennuuf kutannoon hojjecha jiraachuus kaasaniiru.Tajaajiloonni kennaman sadarkaa isaanii kan eeggataniifi aadaa Itiyoophiyaa kan calaqqisiisan akka ta’aniif mariifi hordoffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.Sirna buna danfisuu, nyaatawwaniifi shubbisawwan aadaa fi taateewwan biroo keessummootatti beeksisuuf qophiin eegalamuu eeraniiru.Hoteelonni tajaajila gama maraa kennan irraa hirmaattota yaa’iiwwan kanneeniif %30-40 hir’isuuf waliigaluus ibsaniiru.Gama biraan tajaajilli bishaanii, ibsaa, bilbilaafi kanneen biroon adda akka hin ciccinneef kutannoo hoggantoonni magaalichaa agarsiisan kan dinqisiifatamudha jedhan.Galii Itiyoophiyaan tuurizmii konfiransiirraa argattu guddisuuf yaa’iiwwan kunneen milkaa’inaan akka xumuramaniif hundi qooda isaa akka bahatu gaafataniiru.Malaakuu Gaddifiin.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.