Finfinnee, Hagayya 17, 2017 (FMC)- Tapha Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 2ffaan har’a taphoonni 5 ni gaggeeffamu.Haaluma kanaan har’a Sa’aatii 8:30 irratti Maanchiister Siitiin Tootinhaam Hootispaar waliin taphatu ni eegama.Gareen lameen injifannoo isaanii cimsanii itti fufsiisuuf har’a morkii cimaa taasisuu jedhame eegama.Sagantaan Liigichaa itti fufuun Boornmaawuuz Woolviis waliin, Barnileey Sandarlaandi waliini fi Bireentifoordi Astoon Viilaa waliin Sa’aatii 11:00 irratti ni taphatu.Akkasumas Arseenaal Sa’aatii 1:30 irratti Liidsi Yuunaayitiid waliin Istaadiyeemii Emireetisitti ni gaggeessu.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.