Godinichatti Lafti heektaarri kuma 200 ol sanyii garaagaraan uwwifamee kunuunfamaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 17, 2017 (FMC)- Godina Arsii Lixaatti qonna gannaan lafa heektaara kuma 500 fi kuma 12 ol midhaan gosa adda addaan uwwisuuf karoorfamee hojjetamaa jira.Naannoo Oromiyaatti cabiinsa furuuf diinagdee damdaneessa rakkoo dandamachuu danda`u ijaaruuf misooma baadiyyarratti xiyyeeffachuun tarkaanfiiwwan gurguddoo fudhatamaniin milkaa’inoonni abdachiisoon galmaa’aniiru..Keessumattuu tarkaanfiiwwan damee qonnaa irratti fudhatamaa jiran keessaa tokko kilaastera Qamadiiti.Haaluma kanaan Godina Arsii Lixaatti bara kana qonna gannaan lafa hektaara kuma 500 fi kuma 12 fi 149 midhaan akaakuu garaagaraan uwwisuuf karoorfamee hojjatamaa jira.Hanga ammaattis lafti hektaarri kuma 200 fi kuma 93 midhaan sanyii garaagaraan uwwifamee kunuunfamaa jira.Oomisha midhaan akaakuu garaagaraa hojjetamaa jiru keessaa qamadiin lafa hektaara kuma 100 fi kuma 68 fi 600 yoo ta’u, kanarras caallaa kuntaalli miiliyoona 7.5 ni argama jedhamee kan abdatamu ta’uu ragaan BKO irra argame ni mul’isa.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.