Tajaajilli Giddugala tokkoo Masob naannolee Oromiyaafi Amaaraatti eegaluufi

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 22, 2017(FMC)- Tajaajilli Giddugala tokkoo Masob baatii Fulbaanaarraa eegalee naannolee Oromiyaafi Amaaraatti magaalota garaagaraatti ni jalqaba.Akka Itti aanaa Hogganaan Biiroo Paabilik Sarvisii fi Misooma Humna Namaa Oromiyaa Daamxoo Gammachuu jedhanitti, naannichatti baatii Fulbaanaarraa eegalee magaalota afuritti tajaajilicha kennuuf qophiin xumurameera.Magaalonni tajaajilli kun keessatti eegalamus Adaamaa, Bishooftuu, Shaggariifi Shaashamannee ta’uu Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti himaniiru.Yeroo itti aanu marsaa lammaffaan adeemsi tajaajilicha magaalota 19’tti babal’isuu cimee akka itti fufus ibsaniiru.Hogganaan Biiroo Qabeenya Namaafi Siiviil Sarvisii Naannoo Amaaraa Baanchi’amlaak Gabramaariyaam gamasaaniin, naannichatti Fulbaanaarraa eegalee magaalota Baahirdaar, Daseefi Goondaritti tajaajilichi kan eegalu ta’uu himaniiru.Magaalota Dabra Birhaan, Dabra Maarqoos, Kombolchaafi Dabra Taaboritti ammoo marsaa lammaffaan kan eegalu ta’uu ibsan.Zufaan Kaasaahuntu Gabaase.Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.