Finfinnee, Hagayya 22, 2017(FMC)- Ministirri Ministeera Innooveeshiniifi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan hojiilee teeknooloojii cimaa ijaaruuf dandeessisan irratti xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.Ministeerri Innooveeshiniifi Teeknooloojiifi Biiroleen Naannolee waltajjii gamaaggama raawwii karoora bara 2017 fi marii karoora bara 2018 magaalaa Dirre Dhawaatti gaggeessaa jiru.Dooktar Ballaxaa Mollaan wayita kana akka jedhanitti, bara baajataa xumurametti hojiilee hedduun hojjetamuun raawwii fooyya’aan galmaa’aniiru.Bara baajatichaatti lammiileef carraa hojii uumuu keessatti shoora olaanaa kan bahatu labsii Istaartaappii dabalatee hojiilee hedduun hojjetamuu dubbataniiru.Hanqinaalee mudatan sirreessuun fi bu’aalee argaman itti fufsiisuun hojiileen teeknooloojii gahumsa dhaabbatichaafi biyyaa ijaaruu dandeessisan kan hojjetaman ta’uus kaasaniiru.Kantiibaa itti aanaan Magaalaa Dirre Dhawaa Harbii Buhii gamasaaniin, bulchiinsa magaalichaatti “Diijitaal Dirree” dhugoomsuuf kalaqoonni jajjabeessaan akka bahaniif hojjetamuu ibsaniiru.Kenniinsa tajaajilaa guddisuufi teeknooloojiin deeggaruuf tajaajila giddugala tokkoo gara hojiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuus yaadachiisaniiru.Tasfaayee Hayiluutu Gabaase.Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.