Finfinnee, Hagayya 22, 2017(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa Itiyoophiyaa Invastimanti Hooldingisi fi Daangootee Giruuppi gidduutti waliigaltee qooda Kompileeksii Oomisha xaa’oo mallatteessineerra jedhan.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, imala gara wabii nyaataan of danda’uufi ce’umsa qonnaatti taasisnuun sadarkaa biraarra waan geenyeef Itiyoophiyaanonni hundi baga gammaddan jedhaniiru.Guyyaa har’aas Itiyoophiyaa Invastimanti Hooldingisi fi Daangootee Giruuppi gidduutti waliigaltee Kompileeksii Oomisha xaa’oo mallatteessuu ibsaniiru.Pirojektii guddaan kun baasii Doolaara biiliyoona 2 fi miiliyoona 500 kan hojjetamu, waggaatti xaa’oo hanga meetirik toonii miiliyoona sadii kan oomishuufi Itiyoophiyaa biyyoota xaa’oo oomishuun sadarkaa duraarra jiran keessaa tokko akka ishee taasisu eeraniiru.Kana malees pirojektichi carraa hojii biyya keessaa kan uumu, qonnaan bultoota waggoottaniif rakkachaa turaniif dhiyeessii xaa’oo amansiisaa kan mirkaneesssu ta’uus hubachiisaniiru.Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf tarkaanfii murteessaan fudhatamuu kan mul’isu ta’uu kaasanii, guutuu ardiitti dorgomtummaa Itiyoophiyaan qabdu cimsuun ejjennoo cimaa invastimantii tarsiimawaa uummataafi egeree keenya fayyadan hojjechuuf qabnu agarsiisa jedhan.Waliigaltee kana hordofees iddoo warshichi itti ijaaramutti ifatti kan eegalchiisan ta’uus ibsaniiru.Imala seena qabeessa kana eegaluu eeranii, egeree qonnaan bultootaa, diinagdeefi Itiyoophiyaaf jennee ni xumurra jedhaniiru.Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.