Oromiyaatti Galmeen Barattootaa Haggaya 26 eegala – BBO

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 16, 2017 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti galmeen bara barnootaa 2018 Hagayya 26 hanga Qaammee 5, 2017 gaggeeffama jedhe Biiroon Barnootaa Naannichaa.Qophii karooraa bara barnootaa 2018 ilaalchiisee Sadarkaa Hogganaa itti aanaa Biirootti Gorsaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Efireem Tasammaa Poodkaastii Faanaa waliin turtii taaasisaniiru.Naannichatti qulqullina barnootaa mirkanneessuuf dameewwan hedduun hojjetamaa turuu yaadachiisuun, bara 2018’f qophiin barbaachiisu taasifamaa jira jedhan.Haaluma kanaan galmeen barattootaa Hagayya 26 hanga Qaammee 5, 2017tti kan geggeeffamu ta’uu kaasaniiru.Bara barnootaa kanatti barattoota miiliyoona 13 ol simachuun barsiisuuf karoorfamuus obbo Efireem himaniiru.Wayita amma hojiileen meeshaalee barnootaaf barbaachiisan mijjeessuu, haaroomsa manneen barnootaa fi kanneen biroo hojjetamaa jiru jedhan.Kitaabiilee dabalatee meeshaalee barnootaaf barbaachisaan hojiin guutuu hojjetamaa jira jedhan.Biirichi hanqinaalee kitaabiilee mudachaa turan marsaa marsaan furuuf hojjetaa akka jirus dubbatan.Tooftaalee baruu fi barsisuurratti jijjiirama fiduuf sadarkaa biyyaalessaa fi naannootti leenjiin dandeettii barsiisootaa cimsuuf gargaaru kennnamaa jiraachuus kaasaniiru.Akka naannoo Oromiyaattis dandeettii dubbisuu fi barreessuu barattootaa guddisuuf barsiisoota kutaa 3-5 barsiisan kuma 54 oliif leenjiin marsaa marsaan kennamaa jira jedhan.Hagayya 23, 2017 irraa eegalee barsiisoonni hundi manneen barnootaatti argamuun haaloota kan mijeessan ta’uus eeraniiru.Barnoonni akka Naannoo Oromiyaatti Fulbaana 5, 2018 kan eeegalu ta’uus Obbo Efireem akeekaniiru.Maatiin, hawaasni fi qooda fudhattoonni barattoota umuriin isaani barnootaaf gahee gara mana baruumsaatti akka ergan fi barataan kamuu mana baruumsarraa hafuu akka hin qabne dhaamaniiru.Tsahaay Gulummaatiin.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.