Bakkeewwan faayidaa malee turan gara giddu gala misooma qonnaatti jijjiiramaa jiru – Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 15, 2018 (FMC) – Bakkeewwan kanaan dura faayidaa malee turan hedduun amma jal’isiin gara giddugala misooma qonnaatti jijjiiramaa jiru jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad .Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, damee qonnaa keessatti jijjiirama fiduuf hojiiwwan hojjetamaa jiran keessaa qabeenya bishaan lafa jalaa qabnu misoomaaf oolchuun isa guddaadha jedhan.Bakkeewwan kanaan dura utuu faayidaa hin kennin turan amma jal’isii fayyadamuun gara giddu gala misooma qonnaatti jijjiiramaa jiraachu Kaasaniiru. Bakkii lagni Bilaattee itti argamu ammoo kanaaf fakkeenya dha jedhan.Naannoo sanatti abbootii qabeenyaa hirmaachisuun misoomawwan fuduraa babal’aan hojjetamaa akka jiran eeranii, kunis wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii jiru baay’ee kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.#Oromia #Ethiopia