Guyyaan hundeeffama duultoota addaa waggaa 65ffaan akka milkaa’u qaamolee gahee qabaniif beekamtiin kenname

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 17, 2018 (FMC) –Kabajni guyyaa hundeeffama ajaja duultoota addaa waggaa 65ffaan akka milkaa’u qaamolee gahee qabaniif beekamtiin kennameera.Ajajichi waggoottan 65nan darban keessa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf gumaacha olaanaa taasisuu dubbatan Ajajaan ajajichaa Leetanaal Jeneraal Shuumaa Abdataan sagantaa beekamtii fi galateeffannaa gaggeeffamerratti ergaa dabarsaniin.Raayyichi hariiroo ummata waliin qabu caalmaatti cimsuun nageenyaa fi tasgabbii biyyaaf hojjechuu kan itti fufu ta’uu mirkaneessan.Ayyaanichi haala milkii qabuun akka kabajamu qaamolee gahee qaban hunda galateeffataniiru.Qaamolee gahee qaban hundaaf waraqaan beekamtii kennamuu Miidiyaan Onlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaalitti himeera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.