Bu’aan gama Dippilomaasiin galmaa’e hirmaannaa Itiyoophiyaa waltajjii addunyaa irratti guddise – obbo Tamasgeen Xurunaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Guraandhala 16, 2018 (FMC) – Waggoota jijjiiramaa as bu’aaleen gama dippilomaasiin galmaa’an hirmaannaa Itiyoophiyaan waltajjii addunyaa irratti qabdu guddisuun boqonnaa haaraa baneera jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa.Obbo Tamasgeen ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin galmeen dippilomaasii Itiyoophiyaa yoo sakatta’amu kan dubbifamu bu’uura seenaa kabajaan hundeeffame, garuu ammoo hojimaata sagaleen ishee akka dursummaa isheetti itti hin dhaga’amin turee dha jedhan.Waggoota jijiiramaa darban keessa bu’aaleen gama dippiloomaasiin galmaa’an garuu hirmaannaa ishee daanga’ee ture cabsuun Itiyoophiyaan waltajjii addunyyaa irratti ciminaan akka hirmaattuu boqonnaa haaraa banuu ibsan.Mootummaan jijjiiramaa dippilomaasii akka meeshaa olaantummaa biyyaa ittiin eegsisu qofa osoo hin taane, akka madda badhaadhina dinagdee fi siyaasaatti lakkaa’uun ciminaan hojjechuus hubachiisan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.