Finfinnee, Guraandhala 15 , 2018 (FMC) – ‘Eeliit Foorsii’ kan ijaarru naannawaa keenyatti waraanniifi jeequmsi akka hin uumaneefi jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Kabajni Ayyaana hundeeffama Waggaa 65ffaa Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Hoggantoonni olaanoon mootummaa biroon argamanitti magaalaa Hawaasaatti kabajameera.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa sagantaa kanarratti dabarsaniin, Eeliit Foorsii kan ijaarru naannawaa keenyatti waraanniifi jeequmsi akka hin uumaneefi; yoo uumame ammoo yeroo gabaabaa keessatti xumuruufidha jedhan.Ergamni keenya dhaabbata mul’ata qabuufi egereetti ce’u uumuudha kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Itiyoophiyaan dafqa ijoollee isheen ni ijaaramti; dhiigaafi lafee ijoollee isheen ni jabaatti; kabajaafi bilisummaan ijoollee keenyatti ni ceesina jechuun ibsaniiru.Qophaa’ummaan keenya guutuu Afrikaatti nageenya, badhaadhina, biyyoota naannawichaaf gaachana ta’uudhas jedhan.Daangaa Somaalee hanga daangaa Mitsuwwaatti uummattoota obbolaa deeggaruun jeequmsawwan galaana irratti mudatan hambisuuniifi misoomaafi badhaadhina naannawichatti mirkaneessuuf Itiyoophiyaaf qofa osoo hin taane ‘Eeliit Foorsii’ teeknooloojii hidhateefi fayyadamu Itiyoophiyaan waan ijaarteef biyyooni Baha Afrikaafi Afrikaa hundi baga gammaddan, baga gammanne jedhaniiru.Humni ijaarame Itiyoophiyaan alatti bobbiiwwan idil-addunyaarratti gochaa maqaa gaarii qabu raawwachaa akkuma ture bara kanattis seenaa sana kan irra deebi’u, kabajni ‘Booneetii Diimaa’ kan galeef, kabaja alaabaaf akkasumas kabajaafi bilisummaa biyyaaf wareegama kan kaffalu, sammuufi qaamaan kan jabaate, teeknooloojii kan fayyadamu, humna waraana taphatuufi xumurudha jedhan.Raayyaan Ittisa Biyyaa humna amansiisaa har’as akkuma kaleessaa bilisummaa Itiyoophiyaafi nageenya Afrikaa kabachiisu ta’uu mirkaneessaniiru.Ayyaanaa Dheeressaan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.