Finfinnee,Guraandhala 16, 2018 (FMC) –Bara baajataa 2018 baatiiwwan torban darban qoodiinsa galii waloon Birriin biiliyoonni 71. 33 naannoleef qoodameera jedhan Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyawu Tashaagar.Sassaabbii fi Bulchiinsa galii waloo Ministeera Galiiwwanii fi Albuudaa irratti argannoo odiitii faayinaansii Waajjira Odiitaraa olaanaarratti mariin qooda fudhattootaa gaggeeffamaa jira.Obbo Aganyawu Tashaagar wayita kanatti haasawaa taasisaniin, Fooyyeessii yeroo qoodiinsa galiiwwan waloorratti taasifame hordofee gaheen qooddi naannolee Birrii biiliyoona 4.2 irra gara biiliyoona 91. 73tti guddateera jedhan.Manni Maree Federeeshinii jijjiirama biyyaalessaa hordofee riifoormii dhaabbataa Fooyyeessii yeroo qoodiinsa galiiwwan waloorratti gaggeesseen gaheen galii naannoolee guddachaa dhufeera jedhan.Foyyeessichaa as bara baajataa 2017 naannooleef Birriin biiliyoonni 91. 73 dabarfamuu ibsaniiru.Bara kana Baatiiwwan torban darban immoo Birriin biiliyoonni 71. 33 naannoleef dabarfamuu eeeraniiru.Waltajjii maricharratti Pirezidaantoota Naannoolee dabalatee Hoggantoonni olaanoo federaalaa argamaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.