Itiyoo Teeleekoomiin hojiilee tola ooltummaa raawwate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 30, 2017 (FMC) – Hoggantoonnii fi hojjettoonni Itiyoo Teeleekoomii ayyaana bara haaraa sababeeffachuun hojiilee tola ooltummaa raawwataniiru.Hoggantoonnii fi Hojjettoonni waajjira Muummee dhaabbatichaa dhiigaa arjoomaniiru.Akkasumas meeshaalee barnootaa Birrii miiliyoona 2.6 deeggarsa taasisaniiru.Hojiilee gaarii raawwachuu fi hordofuun dhaloota ceesisa jedhan Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Itiyoo Teeleekoomii aadde Fireeyiwaat Taammiruun.Dhaabbatichi guutuu biyyattiitti dhaabbilee hojiile tola ooltummaa hojjetan waliin hojjechuuf baajata ramaduu dubbatan.Guyyaa har’aa Dabtara Barnootaa kuma 900 fi kuma 60 deeggarsa taasisuu eeruun, deeggarsichi barattoota kuma 80 fayyadamoo taasisa jedhan.Dhaabbatichi hanga ammaatti Dabtara miiliyoona 3.2 ol deeggarsaan kennuu dubbatan.Miidhaksaa Kachaa fi Feevan Bishawutu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.