Itiyoophiyaan karoora jijjiirama qabeenya qilleensaa Afrikaaf hojiilee qabatamaa hojjetaa jirti- obbo Tamasgeen Xurunaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 30, 2017 (FMC) – Yaa’iin jijjiirama qabeenya Qilleensaa Dargaggoota Afrikaa Finfinneetti taa’amaa jira.Itiyoophiyaan karoora jijjiirama qabeenya qilleensaa Afrikaaf hojiilee qabatamaa hojjetaa jirti jedhan yaa’icharratti kan argaman Ministirri Muummee Itti Aanaan FDRI obbo Tamasgeen Xurunaan.Afrikaan faallama qilleensa addunyaa keessatti gahee % 4 qofa qabaattus miidhaa inni qaqqabsuun garuu daraan hubamaa jirti jedhan haawasa baniinsa yaa’icharratti taasisaniin.Afrikaan dhiibbaa hamaa keessa jiraachuu kaasuun, rakkichi diinagdee ardichaas miidhaa akka jiru eeran.Afrikaatti balaan lolaa fi gogiinsi irra deddeebiin mudatu wabii nyaatarratti rakkoo ta’uu dubbatan.Rakkooleen sababa jijjiirama qabeenya qilleensaan dhufan ardichatti qormaata jabaa akka ta’e kaasan.Itiyoophiyaan rakkicha qolachuuf hojiilee qabatamaa hojjechuun agarsiisaa jiraachuu ibsan obbo Tamasgeen Xurunaan.Leeyikun Alemtu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.