Finfinnee, Hagayya 30, 2017 (FMC) – Walitti hidhamiinsa Daldalaa biyyoota Afrikaa gidduu jiru cimsuun diinagdee Afrikaa guddisuun barbaachisaadha jedhan Itti Aantuu dura Teessuun Komishinii Gamtaa Afrikaa Saalmaa Hadaadiin.Agarsiifni 4ffaan Daldalaa Afrikaa mata duree ‘Afrikaa karra carraalee haaraa’ jedhuun Aljeeriyaa Aljersitti gaggeeffamaa jira.Afrikaan gahee waltajjiiwwan idil addunyaarratti qabdu guddisuuf hariiroo daldalaa biyyoota ardichaa guddisuun murteessaa ta’uu Salmaa Hadaadiin ibsan.Hariiroo daldalaa cimsuun Diinagdee caalaa waltajjiiwwan idil addunyaarratti hirmaannaa siyaasaaf gahee olaanaa qabaachuu kaasan.Bara Faranjootaa 2017 eegalee waljijjiiraan Daldalaa Afrikaa % 27 guddachuu ibsan.Afrikaan waggoottan jahaan darban daldala wal waliiniin sosochii jajjabeessaa agarsiisuu kaasan.Mootummoonnii fi dhaabbileen Daldalaa Afrikaa gufuuwwan daldala mudatu maksuu, bu’uuraalee misoomaa cimsuu, imammata mijataa fi sirna Faayinaansii hammataa diriirsuun dandeetti hundagaleessa ardichaa guddisuu akka qaban gaafatan.Argisiisa Daldalaa kanarratti dhaabbileen Daldalaa biyyoota 75 irraa walitti babba’an kumni 2 ol ni hirmaatu.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.