Gamaaggamni raawwii hojii ‘Oromiyaa Soveriin Fandii’ (OSF) bara 2017’fi karoora bara 2018 xumurame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 30, 2017 (FMC) –Gamaaggamni raawwii hojii ‘Oromiyaa Soveriin Fandii’ (OSF) bara 2017’fi karoora bara 2018 xumurame jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.Pireezidaanti Shimallis gamaaggama gaggeeffame ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.Dhaabbileen Misoomaa Mootummaa Naannoo keenyaa, waggoota dheeraaf hudhaalee dhaalamaniifi haaraan ukkaamamanii hanga irraa eegamu osoo hingumaachin turaniiru. Riifoormiiwwan yeroo garagaraatti adeemsifamanis furmaata fulla’aa osoo hinargamsiisin hafaniiru. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, rakkoolee kanniin furuu cinaatti, galmoota qabsoo Oromoo, keessumaa “dinagdee cimaa ijaaruu” utubuuf humna isaan dandeessisu akka horatan, bara 2017 irraa eegalee, qaama invastimantii tarsiima’aa gochuun ‘Oromiyaa Soveriin Fandii’ (OSF) gurmeessera.‘Oromiyaa Soveriin Fandii’ galma dinagdee cimaa ijaaruuf qabame keessatti gahee isarraa eegamu akka bahatu, dorgomummaafi bu’aa/galii argamsiisuu toorawwan sochii xiyyeeffannoo isaa taasiseera. Kunis, bulchiinsa dhaabbilee ammayyeessuu, hoggansa dinagdee horachuu, bulchiinsa faayinaansiifi hoj-maata danqoo fooyyessuu, dandeettii dilbii jiranitti fayyadamuu umuu, teknoolojii yeroon barbaadu hidhachuu, kalaqa jajjabeessuu, gabaawwan alaa suufuun dorgomummaa, bu’a qabeessummaafi gahumsa mirkaneessuu akkasumas hirkattummaa deeggarsa maallaqa mootummaa hirdhisuun kan ibsamudha.Gamaaggama raawwii bara 2017 guyyaa har’aa gaggeessineenis, ‘Oromiyaa Soveriin Fandii’ toorawwan sochii xiyyeeffannoofi galma ijaarsa dinagdee cimaa hubachaa dhufuu irratti jalqabiin jiru gaarii ta’uu ilaallerra. Gama birootiin, ergamoota hundaa’eef, galma dinagdee qabameefi fedhiilee jiran waliin yemmuu madaalamu, deemsi dheeraan fulduratti kan isa eeggatu ta’uu hubachuun danda’ameera.Yeroo dhufutti, qabeenya harka isaa jiru qixaan sochoosuufi bulchuu, akkasumas rakkoolee baramoo gama dorgomummaa, bu’a qabeessummaa, gahuumsa, carraawwanitti fayyadamuu, kalaqa, hirkattummaafi hannaa/saamichaan muldhatan bu’uurarraa furuun dhimma beellama barbaaduu akka hintaane beekamuu qaba. Kanaafis ‘Oromiyaa Soveriin Fandii’n sochiilee isaa qooddatoota ijoo lama giddugaleeffachuun taasisuu qaba. Isaanis: Tokko — agarsiiftuuwwan raawwii hojii ijoo (KPI) irratti dandeettii dhaabbilee yeroo yerootti gamaaggamuu. Lama — ergamoota hundeeffameef sirnaan hubachuufi hoggansa dinagdee dorgomaa kennuudha. Carraa kanaan, rakkoolee jiran furuu, darbees ergamoota haaroman bahachuuf, gaggeessummaan dhimma bakka hinbu’amne ta’uu irra deebiin kanan hubachiisu ta’a.Mootummaan Jijjiiramaa keenya, sochiifi furguga dinagdee si’ataa umuuf — mootummaa dinagdee hoogganu ijaaruu/hoggansa dinagdee gaggeessu horachuu; seerota, hoj-maatotaafi imaammatawwan misooma dinagdee jajjabeessan baasuu/sakaalan sirressuu; ummata baldhinaan sochii dinagdee keessa galchu; akkasumas dhaabbilee daldalaa/misoomaafi warshaalee adeemsa kana onnachiisan hundeessuurratti xiyyeeffatee socho’aa jira.Walumaagalatti, gaggeessan dhaabbilee misoomaa kamiiyyuu kaayyoofi ergama dhaabatichaarraa osoo hinmaqne, dorgomummaafi bu’a qabeessummaa irratti ariitiin akka tarkaanfatu asumaan cimsee hubachiisuun barbaada.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.