Finfinnee, Bitootessa 15, 2018(FMC) – Filannoon Waliigalaa 7ffaan bilisaa, haqa-qabeessa, dimokiraatawaa fi naga-qabeessaa akka ta’uuf Dhaabbileen siyaasaa gahee isaanii bahachuu qabu jedhe Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa.Filannoo biyyaalessaa 7ffaan bilisaa, haqa qabeessa, dimokiraatawaa, naga-qabeessaafi amanamaa gochuuf gahee Dhaabbileen siyaasaa naannoo Oromiyaa qaban cimsuurratti kan kaayyeffate Leenjiin mata duree “Filannoo fi gahee Paartilee siyaasaa” jedhuu Mana Maree waloo Paartilee siyaasaa Naannoo Oromiyaatiin qophaa’e Dhaabbilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa keessa socho’aniif kennamaa jira.Manni marichaa adeemsa filannoo keessatti dhimmootni ilaalamuu qaban bu’uura seera Boordii Filannoo fi Heera mootummaa FDRI’tin akka hiikaman gochuun filanicha dimokiraatessuuf Paartileen siyaasaa gahee adda durummaa isaanii bahachuu akka qabanis himame.Walitti qabaan Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa fi Bakka Bu’aan Paartii Siyaasaa Dhaloota Haaraa obbo Solomoon Taaffasaan, Paartileen siyaasaa humnoota keessaa fi alaa wal ijaaruun adeemsa Filannoo bara kanaa gufachiisuuf duula qindaa’aa gaggeessaa jiran dura dhaabbachuudhan filannoon marsaa 7ffaa kun qixa barbaadameen akka milkaa’u cichoominaan hojjachuu akka qaban dubbatan.Keessumaa, humnoonni duula miidiyaa hawasaa fi qabsoo hidhannootni Filannoo bara kanaa danquuf sochii godhan akka jiran ibsuun,sochii gama kanaan taasifamaa jiru hubachuudhaan filannoo fedhiin ummataa keessatti calaqqise, ummanni qaama bakka isa bu’u itti filatu akka ta’uuf Paartileen siyaasaa uummata sochoosuun filannicha milkaa’aa taasisuuf gahee isaanirraa eeggamu bahachuu akka qaban hubachiisan.Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaa Damee Ijaarsa Aadaa Diimokiraasi fi Itti Aanaan Walitti Qabaa Mana Maree Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa obbo Mogos Ida’een gama isaaniin Paartileen Siyaasaa Naannoo Oromiyaa keessa jiran haala mijataa jiranitti fayyadamuun mirga heera mootummaan kennameefitti gargaaramuudhaan filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa irratti hirmaannaa hoo’aa taasisuu akka qaban himan.Filannicha nagaa, dimokiraatawaa, bilisa, haqa qabeessa fi uummata biratti fudhatamummaa qabu gaggeessuun ijaarsa sirna dimokiraasii keessatti gahee isaanii bahachuu akka qaban dubbachuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.Paartileen siyaasaa garaagarummaa yaadaa jiruun akka diinaatti wal ilaaluu keessaa bahanii komii fi rakkoolee jiran marii fi marabbaan akka hiikatanii fi itti gaafatamummaa isaanii qixa barbaadameen bahachuu akka qabanis himan.#Oromia #Ethiopia