Qophii Qonna Arfaasaa…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Bitootessa 16, 2018 (FMC)- Qonna Arfaasaa bara kanaan lafa heektaara miiliyoona 1 fi kuma 900 misoomsuuf karoorfameera jedhe Biiroon Qonnaa Oromiyaa.Mootummaan damee qonnaa haaromsuufi rifoormiiwwan garaa garaa hojiirra oolchuun sirna oomishaa ammayyeessuu, oomisha jallisii babal’isuun qonna hirkattummaa rooba jalaa baasuu, akkasumas teeknooloojiifi beekumsa ammayyaa gara qonnaatti fiduun oomishtummaa damichaa guddisuuf hojjetaa jira.Mootummaan Naannoo Oromiyaas haala qilleensa mijataa, biyyee gabbataa, bishaan gahaafi humna namaa gahaa oomisha qonnaaf ooluu danda’u naannichi qabu sirnaan hojiirra oolchuun naannicha waktii hunda waktii oomishaa taasisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jira.Haaluma kanaan naannichatti qonni waktii Arfaasaa bara kanaas haala gaariin raawwatamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu ibsan.Qonnaa Arfaasaa bara kanaan lafa heektaara miiliyoona 1 fi kuma 900 misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 46 ol argachuuf karoorfamuu himaniiru.Hanga ammaattis lafti hektaarri miiliyoonni 1.6 ta’u qophaa’uufi facaasaan eegalamuu eeraniiru.Sanyiin filatamaa kuntaalli Kuma 100 fi kumni 88 ol qophaa’uun raabsamaa jiraachuu kaasaniiru.Akkasumas xaa’oon kuntaalli kuma 600 ol raabsamaa jiraachuu kaasuun, qonna Waktii Arfaasaa bara kanaa irraa oomisha kuntaala miiliyoona 46.2 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia