Finfinnee, Bitootessa 17, 2018 (FMC)- Imalli dijitaala Itiyoophiyaa guddina damee dijitaalaa addunyaan keessa jirtuun dorgomaa ta’aa jira jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaan.Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa odeeffannoo naannichaa olaantummaan bulchuu, maqaa gaarii naannichaa roga gaariin ijaaruu, wal- amantaan gaariin Mootummaafi uummata gidduu akka jiraatuu taasiisuuf hojjechaa jira.Miidiyaaleefi qunnamtiin uummataa odeeffannoo naannichaa waalteessuun injifannoo balbaloomsuu, seenessa waloo ijaaruu, odeeffannoo sobaa qolachuu, duudhaa ganamaa gabbisuu ergama waloo taasifachuun miidiyaalee Naannoofi Fedeeraalaa qindeessuun fooramii miidiyaalee hundeessee hojii bu’aa qabeessa hojjechaa jira.Haaluma kanaan Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa guyyaa har’aa kanas hojiiwwan Fooramii miidiyaalee fi qunnamtii uummata ji’oottan sagalii kan bara kana bakka hooggantoonni Miidiyaaleefi quunnamtii uummataa argamanitti geggeessaa jira.Saganticha irratti haasawa kan taasisan Obbo Hayiluun, Addunyaan jaarraa 21ffaa bulchiinsa odeeffannoo ammayyaa’aa, ragaa haqa qabeessaan ijaarameefi dhaqqabamummaan isaa amansiisaa ta’e kan barbaadu ta’uu ibsaniiru.Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaas akka dhaabbataatti ergama kana dhugoomsuuf odeeffannoo naannichaa akka hoogganuuf itti kenname roga hundaan dijitaalessuun odeeffannoo qulqullina qabuufi waalta’aa ta’e tajaajilamaaf dhaqqabamaa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeraniiru.Sirna hoggansa odeeffannoo dijitaalawaan odeeffannoo caasaalee Kominikeeshinii sadarkaan jiru irraa walitti qabuu bira kan darbe hariiroo miidiyaalee, dhaabbilee Mootummaafi uummata waliin jirus sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru.#Oromia #Ethiopia