Ammatti marii kamiiyyuu eegaluuf fedhii hin qabu – Iraan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Bitootessa 17, 2018 (FMC) – Iraan ammatti marii kamiiyyuu eegaluuf fedhii hin qabdu jedhe Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii.Iraan yaada ka’umsa marii Pireezidaantiin Ameerikaa dhiyeessan kufaa taasisuun haalduree mataa ishee ifoomsuu Ministirri Alaa Iraan Abbaas Araagaachi dubbataniiru.Iraan of tiksuuf haleellaan raawwattu cimsitee itti fufti jedhan.Ibsa ministirichaa hordofee Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi yaada kennaniin, waraanni akka dhaabbatuuf Iraan Ameerikaa waliin marii eegaluun itti ulfaateera jedhan.Teehiraan dhimmicha ilaalchisee hoggantoota olaanoo Waashingitan waliin marii taasisaa jiraachuu eeranii, guyyoota sadan darban marii bu’aa qabeessi gaggeeffamuu himan.Haa ta’uutii addunyaaf sodaa olaanaa kan ta’e waraana Giddugaleessa Bahaa dhaabuuf abdii ta’e kan ture mariin biyyoota lamaanii ammas burjaajii ta’ee itti fufeera.Ibsi Teehiraanii fi Waashingitan kennan kan walfaallessu ta’uun biyyoonni lamaan wal amantaa fi murannoon qaban gadii aanaa ta’uu agarsiiftuudha jedhame.Waraanichi lubbuu lammiilee hedduu galaafachaa fi qabeenya hedduu barbadeessaa jira.Malaakuu Gaddifiin.#Oromia #Ethiopia