๐‚๐€๐๐ˆ๐ˆ๐๐’๐€ ๐’๐ˆ๐‘๐๐€๐€: ๐‚๐€๐๐ˆ๐ˆ๐๐’๐€ ๐‹๐€๐…๐„๐„ ๐ƒ๐”๐†๐ƒ๐€๐€..

Wait 5 sec.

๐—ง๐—ฎ๐—ฟ๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ณ๐—ถ๐—ถ ๐——๐˜‚๐˜‚๐—ฟ๐˜€๐—ผ๐—ผ: ๐—ฆ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ ๐—ž๐˜‚๐—ณ๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ถ๐—ถ๐—ณ ๐—•๐—ฒ๐—ฒ๐—ธ๐—ฎ๐—บ๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—ž๐—ฒ๐—ป๐—ป๐˜‚๐˜‚Dhimmi jijjiiramaa, mootummootafi dhaloottan dhufaa darbaniif dhaadannoo ijoo barootaa ture. Haataโ€™u malee, yaaliiwwan jijjiiramaa barootaaf taasifaman fuulduratti nuqaarisuu hindandeenye. Galmi kun abjuu guyyaa keessaa taโ€™ee hafuun, misooma hawaas-dinagdeefi ijaarsa sirna siyaasaatiin addunyaa biraa akka mujujnee hafnu ta’eera. Haalli asirraa kaโ€™ee umames, gaaffilee ummata keenyaa barootaaf kuufaman deebisuuf, akkasumas dantaa isaa idil-addunyaatti kabachiisuuf kan nudandeessisuu miti.Sakaallaan kun sababoota garagaraatiin dabaalamuun ittuu gabaabbataa dhufee asgaheera. Sababoota kanniin keessaa isaan buโ€™uuraa lama addatti yoofudhanne: inni duraa, daandiiwwan rakkoolee keenya furuuf filataman irra caalaan isaanii hanqinaalee qabaachuu isaaniiti. Daandiiwwan kunniin gosoota rakkoolee keenyaa kan hinhubanne qofa osoo hintaane kalaqaan kan hinmasakamne turan. Lammata, rakkooleen kunniin qananii yeroo kan hinkennine taโ€™uu osoo hinhubatin hafuun keenya, imalli furmaataaf taasisaa turre imala qocaa akka taโ€™u gochuu isaati. Kanarraa kan kaโ€™e, fooyyaโ€™iinsi galmeessinefi sonni daballe rakkoolee numudata turan waliin kan wal hinsimne turan.Rakkoon keenya addunyaan jijjiiramaafi guddinaan fagootti nudhiisee qaari’uu qofaa miti; naannawa ariitiin jijjiiramaa jiru keessatti deebiin nuti kenninu harkifataa taโ€™uu isaati. Daandiin nuti hordofne, kan rakkooleen keenya irra turan irraa kan fagaate, ariitiin nuti ittiin imalle sadarkaa rakkooleen keenya itti tuulamaa turanirra qususaa ture.Yaadamni Idaโ€™amuu, seenaa kufaatii kanaaf beekamtii kennuun, kaโ€™umsa tarkaanfii ceโ€™uumsaati jedhee amana. Dhugaa hadhaawaa kana dheessun guuchii morma ishee cirracha keessa awwaaluun balaa miliquuf yaaltuun (ostrich effect) adda miti. Ceโ€™uumsi tarsiimaโ€™aa haala qabatamaa ofii fudhachuu irraa jalqaba. Fakkeenyaaf, toorawwan xiyyeeffannoo mootummaa keenyaa: qonna, magaalomsuu, indastiroomsuu, misooma turizimiifi dinagdee dijitaalatiin eegee addunyaa taโ€™uu keenya fudhachuun ukukkubnee turuurra daandii qajeeladha.๐๐ข๐ซ๐ช๐š๐›๐š: ๐‡๐š๐š๐ฅ๐š ๐๐š๐›๐š๐ญ๐š๐ฆ๐š๐š ๐“๐จ๐จ๐ซ๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ง ๐—๐ข๐ฒ๐ฒ๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ง๐ง๐จ๐จ ๐Š๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š๐š:๐๐Ž๐๐๐€: Addunyaan qonna gateettii qotiyyoorraa kan buuse jaarraalee lamaafi walakkaa dura warraaqsa indastiraalaa gulantaa duraatini. Inumaayyuu dhiibbaa olaanaa qonna irratti uumeen โ€œwarraaqsa mekaanaayizeeshiniiโ€ jechuun waamama. Harโ€™a qonni ammayyaa safarrii-muraa (precision agriculture) keessa galuun gulantaa birootti ceโ€™aa jira.Nubiratti qonni harโ€™as gateettii qotiyyoofi humna namarraa buโ€™uu hindandeenye; omishtummaadhanis jeejee oolchurra kan taru miti. Qonnaan bulaan keenya biyyee gabbataa, bishaan bonaaf ganna yaaโ€™u, duudhaa hojii cimaafi argama tarsiimaโ€™aa qabaatus hiyyummaa dhuma hinqabneefi jireenya harkaa-gara-afaanii keessatti akka hidhamu ta’eera. Dameen qonnaa sirnakkoo dinagdee ammayyaarraa waan dhiibameef, gulantaan biraa haahafuu, dhiyeessaa galtee dheedhiillee taโ€™uuf reeqqisaa jira.Dameen qonna xiyyeeffannoo dursoo mootummoota dhufaa darbanii ta’ee sadarkaa kanatti boodatti yoohafe, dameeleen hafan sadarkaa maaliirra akka jiran raaguun rakkisaa hinta’u. Haata’u malee, dilbiin kanarratti qabnu adeemsicha jijjiiruu akka dandeenyu nutti hima; carraan qonna keenya kallattiin gara teknoolojiitti utaalchisuuf (leapfrog) qabnu baldhaafi haaraadha.๐Œ๐€๐†๐€๐€๐‹๐Ž๐Œ๐’๐”๐”: Imalli magaalomsuu idil-addunyaa hedduu tarkaanfateera. Harโ€™aan tana walakkaan ummata addunyaa magaalaa jiraata. Biyyoonni lakkoofsan xiqqaa hintaane ammoo ummata magaalaa jiraatu %80 hanga dhibbentaa 100โ€™tiin gahaniiru. Hundumtaa omisha addunyaa (GDP) keessaa %80 magaalota irraa kan madduudha.Nubiratti ilaalamni magaalota akka motora dinagdeetti fudhatuyyuu goonkumaa hinturre; reefu dhalachaa jira. Hammantaan magaalomsuu (urbanization rate) naannoo keenyaa %20 hincaalu. Lakkoofsi kun giddugaleessa biyyaatii (national average) gadi. Kana malees, jiraataan magaalaa walakkaatti dhiyaatu kallattiin hojii qonnaa mala aadatiin gaggeeffamu irratti kan bobbaโ€™e. Kun ammoo hoji-manee guddaan fuuldura keenya jiraachuu nuhubachiisa.๐ˆ๐๐ƒ๐€๐’๐“๐ˆ๐‘๐ˆ๐ˆ: Biyyi keenya warraaqsaalee indastiraalaa addunyaa irraatti gaggeeffamaan irraa fagoo turte. Yaaliiwwan darbee darbee indastirii babaldhisuuf taasifamanis, yaadama sirriin bu’uuruu dhabuun milkaa’uu hindandeenye. Adeemsi kun biyyi keenya kiyyoo hariiroo waljijjiirraa loogaa (unequal exchange) keessatti akka kuftu taasiseera. Omisha qonnaa dheedhii gatii rakasaan alatti ergitee, omisha warshaalome gatii qaaliin bituuf dirqisiisera. Kunis biyya daldala luucca’aa (trade imbalance) keessa galchuun rakkoo sharafa alaa keessa akka turtu taasiseera.Akkasumas, indastiriin keenya humna omishaa baadiyyaafi qabeenya umamaa keenya waliin hidhata omishaa amansiisaa (production linkage) uumuu hindandeenye. Kunammoo, dargaggoonni keenya carraa hojii akka dhaban, eebbi dilbii keenyarraa argamu akka qisaasa’u, darbees dinagdeen keenya akka hirkataa ta’u taasiseera.๐“๐”๐‘๐ˆ๐™๐ˆ๐Œ๐ˆ๐ˆ: Addunyaa harโ€™aa keessatti turizimiin utubaa badhaadhina dinagdee ta’eera. Biyyoonni hedduun horata qaban kamuu gara hawwata turizimiitti jijjiiruu dandaโ€™aniiru. Hundumtaa omisha addunyaa keessaa gaheen turizimii %10 (gara USD Tiriiliyoona 10โ€™tti dhiyaatu) ta’a. Dabalataanis namoota mil. 400โ€™tti dhiyaataniif carraa hojii uumera. Lakkoofsi lachuu ariitiin dabalaa adeemuu barteen jiru niโ€™agarsiisa.Biyya keenyatti, misoomni turizimii waggoota hedduuf maqaa qofa qabatee akka turu ta’eera. Dilbii olaanaa gama qabeenya umamaa, dhaala seenaafi horata aadaatiin qabnu ittiin dhaadachuurra dabarree dinagdeetti hinjijjiirre. Haala qilleensaa mijatoo, teessuma lafaa hawwatoo, lub-daneessummaa olaanaa, hambaalee kiliyaafi miti-kiliyaa nam-tolchee dinqisiisoo qabnu tajaajila baramaafi waqtii muraasa qofaaf gabeessaa turre. Kanarraa kan kaโ€™e, ummanni naannawaa, keessumaa dargaggoonni, qoteefi horsiisee bultoonni dilbii kanarraa fayyadamoo hintaane. Dabalataanis damichi gombisaa dinagdee waliigalaa keessatti gahee bahachuu qabu akka hinbahane taโ€™eera.๐ƒ๐ˆ๐๐€๐†๐ƒ๐„๐„ ๐ƒ๐ˆ๐‰๐ˆ๐“๐€๐€๐‹๐€๐€: Warraaqsi indastiraalaa afreesson ittifayyadama ragaa gurguddaa (Big Data), toorarroomsa (IoT)โ€™fi dijitaalomsa babaldhisuun fooyyaโ€™iinsa sirna bulchiinsaa, hojmaataafi qulqullina jireenyaa dhugoomsera. Warraaqsi kun harโ€™a gulantaa shanaffaa keessa galeera. Gulantaan kun hubannoo namtolchee (AI) irratti xiyyeeffatee saffisa hintilmaamamneen tarkaanfataa jira. Biyyoonni heddu qophaaโ€™ummaa imaammataafi buโ€™uuraalee misoomaa qaban ariitiin gara kanatti duufaa jiru.Biyyi keenya gama kanaaniis imala milkaaโ€™aa hintaasifne. Harโ€™as sirna bulchiinsaa harkifataafi iftoomina hinqabne, hojmaata xaxamaafi danqaa keessaa hinbaane. Bu’uuraalee misooma dijiitaalaa dadhaboon, imammanni iftoomina hinqabne, dhaabbileen quucaroofi gufuuwwan biroo biyyi keenya gama kanaan akka hindammaqne taasisaniiru. Kunis hanniifi loogiin tajaajila mootummaa keessatti akka hidda gadifageeffatu, dargaggoonni keenya hanqina hubannoo teknoolojiirraa kan kaโ€™e carraalee hojii idil-addunyaarraa akka adda citan taasiseera. Sirni dinagdee keenya al-idileefi dorgomummaa kan hinqabne akka taโ€™ufi imalli misooma ittifufaa akka gatatu ta’ee jira.Rakkooleen gurguddoon toorawwan xiyyeeffannoo shanan keessatti numudatan kunniin, ofii isaaniitti dhukkuba bu’uuraa osoo hintaane, mallattoo dhukkubichaati. Maddi dhukkubichaa inni guddaan eessa jira? Maaliif maraammartoo kana keessa deddebine?๐Š๐šโ€™๐ฎ๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐š ๐๐ฎโ€™๐ฎ๐ฎ๐ซ๐š๐š: ๐‚๐š๐›๐ข๐ข๐ง๐ฌ๐š ๐’๐ข๐ซ๐ง๐š๐šYaadamni Idaโ€™amuu, imalli jijjiiramaaf taasifnu, rakkoo numuudate akkasumas maddaafi umama (anatomy) isaa gadifageenyaan qorachuu irraa jalqabuu qaba jedhee amana. Buโ€™uuruma kanaan rakkoon numuudate ๐‘ช๐‘จ๐‘ฉ๐‘ฐ๐‘ฐ๐‘ต๐‘บ๐‘จ ๐‘บ๐‘ฐ๐‘น๐‘ต๐‘จ๐‘จ taโ€™uu kaaโ€™a. Cabiinsi sirnaa ๐™ƒ๐™๐˜ฟ๐™ƒ๐˜ผ๐˜ผ๐™‡๐™€๐™€ ๐˜พ๐˜ผ๐˜ผ๐™Ž๐˜ผ๐™’๐˜ผ๐˜ผ (structural and superstructural constraints) baroota hedduuf kuufaman irraa kan maddeedha. Kunis biyya keenya cabiinsa sirna siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa bar-dhibbeewwaniif hidda gadifageeffataniif saaxileera.Akkuma armaan olitti kaaโ€™uuf yaalame, dogoggoroota dhukkuba biyya keenyaa hammeessan keessaa tokko gosaafi sadarkaa irra jiru hubachuu dhabuudha. Akkasumas qoricha haara galfii yeroo kennuun (pain killer) damdamachuuf yaaludha. Dhiibbaan hudhaalee caasawaa akka bubbee yeroof dhukkee kaasee darbuu, salphaatti kan maqfamuu miti. Adeemsa seenaa, ijaarsa dhaabbilee adamsoo (predatory) akkasumas sirna siyaas-dinagdee akka feeteen lafa qabateera.Dhiibban isaas baraa baratti kan bargaafate. Sochii (performance), buโ€™a qabeessummaafi misooma yeroo dheeraa guutumatti danqeera. Walsima dhabuun (misalignment) buโ€™uura dinagdeefi caasaa olaanaa (sirna siyaasaafi dhaabbilee) gidduutti uume, ijaarsa caasaa (architecture) mootummaafi hawaasaa keenya daran miidhera.๐‚๐€๐๐ˆ๐ˆ๐๐’๐€ ๐’๐ˆ๐‘๐๐€ ๐’๐ˆ๐˜๐€๐€๐’๐€๐€Cabiinsi sirnaa siyaasa biyya keenyaa buโ€™uuraan hanqinoota sirna bulchiinsaa, adeemsafi hirmaachisummaa imaammataa, akkasumas qoodiinsa aangoo keessatti baroota dheeraaf kuufamaa turan irraa madda. Adeemsi kun aangoo mootummaa harka namoota dhuunfaatti kuusuun, dhaabbilee taโ€™e jedhamee akka dadhaban taasisuun, akkasumas mirga hawaasaafi duudhaalee dimokraasii laaffisuun kan of-ibsaa ture.Yeroo dhihoollee, sirnumti federaalizimii danummaa biyya keenyaa akka hammatu yaadamee hojiirra oole, walmorkii eenyummaafi walballeessuutti (zero-sum) jijjiiramee ture. Gama kanaan, naannoo keenya addatti yoofudhanne, osoo harkisa dinagdee, hawaasummaafi ummata biyya keenya taโ€™ee jiruu, moggeeffama siyaasaa, gatata ijaarsa sirnaafi laafina dhaabbilee baachuuf dirqamee ture.Walumaagalatti, seenaa biyyummaa jaarraalee hedduu qabaannus, cabiinsa sirna siyaasaa hudhaalee caasawaatiin muudate, dhaabbilee dadhaboo, sirna bulchiinsaa reeqqisoo, qoodiinsa aangoofi qabeenyaa loogaa, darbees duudhaalee demokraasii hongaa’atti nuhambiseera. Kana malees, amanamummaan ummanni mootummaa irratti qabu akka laafu, murteewwan buโ€™a qabeeyyin akka hindabarre, akkasumas biyyi akka hintasgabboofnefi muldhata waloo akka hinrimoofne taasiseera.๐‚๐€๐๐ˆ๐ˆ๐๐’๐€ ๐’๐ˆ๐‘๐๐€ ๐ƒ๐ˆ๐๐€๐†๐ƒ๐„๐„:Gufuuleen caasawaa sirna dinagdee keenya gahumsa waliigalaafi fullaโ€™iinsa guddinaa dhorkaa turaniidha. Dabalataanis buโ€™a qabeessummaa imaammata dinagdee yeroo gabaabaa hojiirra oolaa turanittis gufuu taโ€™anii turaniiru. Sirni dinagdee keenya gos-tokkeefi harka mootummaatti akka kuufamu taasiseera. Kunis qaawwa hammattoo toโ€™annoofi laamshaโ€™a dhaabbilee waan hordofsiisef sochii waliigalaa dinagdee mudhukseera. Akkasumas guddina damee dhuunfaa, dhaweessummaa keessoo, invastimantii alaafi keessoo hudhuun ukkaamsera.Kana malees, hanqina tajaajila hawaasummaa, yeroon ala taโ€™uu buโ€™uuraalee misoomaafi dhiyeessii buraajoo (utilities), akkasumas rincicummaan gabaa humnaa (rigid labor market) waan hordofsiiseef, milkaaโ€™ina sochii dinagdee fullaโ€™iinsa qabuuf gufuu hamaa taโ€™eera. Imaammata maallaqaa (monetary policy)โ€™fi imaammata galiifi baasii mootummaa (fiscal policy) raasuun, tasgabbii dinagdee gooroo (baโ€™aa liqaafi hanqina sharafa alaa) jeeqera.Hammeenyi hundaaโ€™olii ammoo, idaan adeemsa kanaan umame qoteefi horsiisee bultoota, dargaggootafi dafqee bultoota keenyarratti feโ€™amuu isaati. Qoteefi horsiisee bultoonni keenya bara dhufaa darbu hunda jijjiirama qilleensaa, duguugama gabbina biyyeefi hanqina gabaa ammayyaatiin akka rimmiidhaman darbees akka moggeeffaman taasiseera. Dargaggoonni qaxaleen keenya, dinagdee isaan simachuu dandaโ€™u dhabuun, fedhiifi abdii waliin eebbifaman akka dhaban taasiseera. Baโ€™aan idaa biyyaa, ummata keenya hojjetee buluu darbees dhaloota irratti akka feโ€™amu taasiseera.๐‚๐€๐๐ˆ๐ˆ๐๐’๐€ ๐’๐ˆ๐‘๐๐€ ๐‡๐€๐–๐€๐€๐’๐”๐Œ๐Œ๐€๐€:Cabiinsi sirnaa hawaasummaa, hudhaalee caasawaa diraa hawaasa (fabric of society) keenyaa keessa galaniin kan muudatedha. Kunis akkaataa ittijiraatu, walitti dhufu, carraa garagaraa ittargatuufi ittifayyadamu irratti dhiibbaa hamaa taasiseera. Cabiinsi kun haqa qabeessummaa carraalee/facaatii guddina kaappitaala namaa โ€” barnootaa, fayyaa akkasumas bu’uuraalee misoomaa dhorkeera; akkasumas hiyyummaa ittifufsiisuun dhaloota dhidhimseera.Walqixxummaan caasawaa, haqa hawaasummaafi wabiim nyaataa akka hinmirkanoofne, buqqaโ€™iinsifi rakkoon namoomaa (humanitarian crisis) akka ittifufan, hoji dhabdummaafi qormaatileen naannawaa akka hammaatan taasiseera.Yaadamni Idaโ€™amuu jaldhina caasawaa (structural deformities) cabiinsa sirnaa hordofsiise kana adda baasuu qofa osoo hintaane, tarsiimoolee ittiin diignee ijaarullee qopheessera. Galmi hundeeffama Mootummaa Idaโ€™amuus amaloota tarsiimolee kanniin hojiirra oolchuuf nama dandeessisan irra dhaabbachuun maraamartoo kana cabsuu, darbees badhaadhina hundagaleessa dhugoomsuudha.๐‘ฌ๐’ˆ๐’‚๐’‚, cabiinsa sirnaa hidda gadifageeffate kana, suphaa yerootiin yaaluun hindanda’amu. Cabiinsi bu’uuraa, waldhaansa bu’uuraa (radical intervention) gaafata. Qaxxisa baramaadhan maraamartoo furguuga hamaa keessa gale dhaabuun waan yaadamuu miti. Kanarraa kan kaโ€™e, gaaffiin โ€œ๐—บ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—บ๐—ฎ๐—ฟ๐˜๐—ผ๐—ผ ๐—ธ๐—ฎ๐—ป๐—ฎ ๐—ฐ๐—ฎ๐—ฏ๐˜€๐—ถ๐—ป๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฏ๐—ฎ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ป ๐—ถ๐—บ๐—ฎ๐—น๐—ฎ ๐˜‚๐˜๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฐ๐—ต๐—ผ๐—ผ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ๐˜€๐˜€๐—ฎ ๐—ด๐—ฎ๐—น๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—ป๐—ถ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ๐—ฎ?โ€ jedhu deebii sirrii nurraa eegaa jira.Mootummaan Idaโ€™amuu, ๐‘ป๐’‚๐’“๐’”๐’Š๐’Š๐’Ž๐’๐’ ๐‘ช๐’†โ€™๐’–๐’Ž๐’”๐’‚๐’‚ niqabaa? Kutaa ittaanuun kan ilaallu taโ€™a.