Finfinnee, Bitootessa 15, 2018 (FMC) – Piroojektoonni misooma koriidarii galmoota dachaa qabu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Teeleeviizyiinii Qaanaa waliin turtii taasisaniiru.Turtii isaaniin, pilaanii magaaloota, misooma waaraa fi pirojektiwwan Misooma Koriidarii Magaalaa Finfinnee fi Magaaloota biroo, akkasumas bu’uuraaleen misoomaa daldalaa fi guddina diinagdee guutuu biyyaatittii guddisuuf faayidaa qaban gadi fageenyaan kaasaniiru.Piroojektoonni misooma koriidarii galmoota dachaa qabaachuu dubbatan.Piroojektichi galmoota diinagdee, hawaasummaa fi naannawaa qabachuu kaasan.Piroojektiin misooma koriidarii magaalaa Finfinnee carraa hojii, ogummaa gabbisuu fi carraa mana jireenyaa sadarkaa fooyya’aa uumuu dubbatan.Piroojektii ce’ee waan ta’eef wayita hojjetamus carraa hojii hedduu uumeera, erga xumuramees lammiileef carraa hojii bal’aa uumuu himan.Namoonni hedduun sababa misooma koriidariin mana jireenyaa sadarkaa fooyya’aa argachuu ibsan.Miidhagina magaalaa fi mijatummaa daandii haalaan kan dabale ta’uu eeran.Finfinneetti har’a daandiin mijataa ta’uu hordofee imaltoonni yeroo gabaabaa keessatti bakka gahuu barbaadan gahaa jiraachuu dubbatan.Naannawaa qulqulluu, miidhagaa fi magariisaa jireenya namaaf mijataa ta’an uumuunis kaayyoo olaanaa misooma koriidarii akka ta’e kaasaniiru.Misoomni koriidarii Finfinnee faalama balfaa, qilleensaa, sagalee fi lageenii maksuun sona hawwataa uumuu danda’uu eeran.Misoomni koriidarii magaalaa Finfinnees galmoota dachaa isaa qabatamaan mirkaneessuu ibsan.Finfinneen dur maqaa qofatu miidhaga ture har’a garuu akkuma maqaa ishee abaaboo ta’uu himan.Hojiin misooma koriidarii hojii dhamaatii hedduu qabu ta’u,erga xumuramee garuu itti quufinsi isaa daran gammachiisaadha jedhan.Misoomni koriidarii magaalaa Finfinnees qormaatilee hunda ce’een bifa qofa osoo hin taane aadaa haala jireenya hawaasaa jijjiiruu ibsan Dooktar Abiy turtii isaaniin.Siifan Magarsaatiin#Oromia #Ethiopia