Addunyaarratti bu’uuraaleen misoomaa gidduseentummaa mootummaan ala milkaa’e hin jiru – Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Bitootessa 15, 2018 (FMC) – Addunyaarratti bu’uuraaleen misoomaa daran murteessoon gidduseentummaa mootummaan ala milkaa’e hin jiru jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Teeleeviizyiinii Qaanaa waliin turtii taasisaniiru.Addunyaarratti yeroon isaa walhaacaaluu malee bu’uuraaleen misoomaa daran murteessoon gidduseentummaa mootummaan ala milkaa’e hin jiru jedhan.Haa ta’uutii erga xumuramee qabeenyaa fi beekumsa waloo hawaasaa ta’ee booda mootummoonni maallaqa akka fiduuf siistamaan gara dhuunfaatti akka ce’u taasiisu jechuun ibsan.Dhaabbileen misoomaa jajjaboon addunyaa kanaa hedduun gedduseentummaa mootummaan erga ijaaramanii gara dhuunfaatti ce’uu dubbatan.Akka biyya keenyattis haala qabatamaa jiruun dhaabbileen dhuunfaa piroojektoota jajjaboo raawwachuuf humna qaban hin jiran jedhan.Fakeenyaaf dhaabbanni dhuunfaan piroojektii gabbisa annisaa Niwuukalarii Itiyoophiyaan eegalte Doolaara biiliyoona 10 baasuun misoomsuu danda’u, ijaarsa daandii Aspaaltii guguddoo dhuunfaan raawwachuu danda’u jira jechuun akka nama rakkisu kaasan.Baay’een isaanii har’a hojjetanii har’a bu’aa argachuu barbaadu malee bu’uura misoomaa dhalootaaf ta’u, bu’aa eegeree tilmaama keessa galchuun raawwachuuf dandeettii kan qaban hin jiran jechuun ibsan.Akka Itiyoophiyaattis gidduseentummaan mootummaa murteessaa ta’uu isaa waan amannuuf akkaataa jireenya lammiilee jijjiiruu danda’uun taasifama jedhan.Mootummaan bu’uuraalee misoomaa irratti dhuunfaan karoorfatee ni hojjeta, damee dhuunfaa waliinis qindoominaan kan hojjetu ta’uu kaasan.Siifan Magarsaatiin#Oromia #Ethiopia