Finfinnee, Bitootessa 16, 2018 (FMC)- Iraan qaamoleen waraana Ameerikaa- Israa’el fi Iraan keessatti qooda hin fudhanne ulaa Hoormuuz akka fayyadaman eeyyamuu beeksifteetti.Biyyattiin murtoo ishee kana Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniifi Dhaabbata Geejjiba Galaanarraa Idil-addunyaaf ibsiteetti.Sanadni murtoo kanaas gama Ministeera Dhimma Alaa Iraaniin Barreessaa Olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez fi Miseensota Dhaabbata Geejjiba Galaanarraa 176’n gahuu Rooyitars gabaaseera.Of ittisuuf ulaa Hoormuuz irratti murtoowwan barbaachisaa ta’an akka dabarsitu kan ibsite Iraan, ulaa kana fayyadamuun haleellaan akka irratti raawwatamu kan hin eeyyamne ta’uu akeekkachiisteetti.Miikiyaas Ayyalaan.