Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi waraanicha dhaabuuf yaada dhiyeessanis Iraan mariin hin jiru jette

Wait 5 sec.

Finfinnee, Bitootessa 16, 2018(FMC)- Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi waraana Ameerikaa-Israa’el fi Iraan dhaabuuf yaada ka’umsaa qabxiilee 15 of keessaa qabu dhiyeessanis Iraan adeemsi marii eegalame akka hin jirre beeksifteetti.Iraan waliin mari’achuuf tattaaffiin godhamaa akka jiruufi yaadni ka’umsaa waraanicha dhaabuuf Ameerikaarraa dhiyaate gama Paakistaaniin gara Iraanitti ergamuun gabaafameera.Paakistaan akka jaarsummaatti dhiyaachaa jiraachuun kan ibsame yoo ta’u, anga’oonni olaanoon Ameerikaa maricharratti hirmaachaa jirus jedhameera.Qabxiiwwan yaada ka’umsaa waraanicha dhaabuuf dhiyaatan 15 keessaas:-◉ Qoqqobbiiwwan Iraan irra kaa’aman kaasuu,◉ Ameerikaan Iraanitti maddisiisa anniisaa elektirikiif kan oolu sagantaa Niwukilaraa Siiviilii deeggaruu,◉ Iraan niwukilara qabdu misoomsuu akka dhaabdu; biyyattii keessa bu’uuraaleen misoomaa yuuraaniyeemii misoomsan akka hin jiraanne gochuu,◉ Dhaabbileen niwukilaraa Naataanzi, Isfahaan fi Roordi akka diigaman gochuu,◉ Iraan kuufama yuuraaniyeemii ishee Ejensii Inarjii Atoomawaa Idil-addunyaaf akka dabarsitee kennitu gochuu,◉ Sirna hordoffii IEIA akka fudhattuu fi to’attoonni bilisummaan gara bu’uuraalee misoomaa niwukileraa akka seenaniif akka eeyyamtu gochuu,◉ Deeggarsa maallaqaafi loltummaa Iraan gareewwan hidhattootaaf taasiftu dhaabsisuu,◉ Sagantaan misooma miisaa’elaa Iraan sadarkaa olaanaan akka daanga’uu fi miisaa’ela ishee ittisa qofaaf akka fayyadamtu taasisuu,◉ Ulaan Hoormuuz banamee akka turuu gochuufi dhimmoota biroo kan hammate ta’uu Niwyoork Poosti gabaaseera.Haa ta’u malee Iraan dhimmichaan walqabatee mariin Ameerikaa waliin eegalame akka hin jirre ibsiteetti.Pirezidaanti Doonaald Tiraampi Iraan waraanicha dhaabuuf waliigalteerra gahuuf qophii ta’uushee ibsuu hordofee mootummaan Iraan” Ameerikaan mari’achaa kan jirtu matuma ishee waliini” jechuu Aljeezraan gabaaseera.Yoonaas Geetinnatiin.