Finfinnee, Eebla 24, 2018 (FMC) – Yaa’iin idil-addunyaa qorannoo bunaa mata-duree “Maasii irraa hanga gabaa idil-addunyaatti” jedhuun Yuunivarsiitii Boongaatti gaggeeffamaa jira.Yaa’ii kana irratti hojiileen qorannoo adda addaa kan dhiyaatan yoo ta’u, kunis hojimaata cimaa fi itti-fufiinsa qabu kan damee bunaa fooyyessu hojiirra oolchuuf kan gargaaru ta’uun himameera. Preezdaantiin Yuunivarsiitii Boongaa Dooktar Daggalaa Eergannoo yeroo kanatti akka jedhanitti, yaa’ichi walitti-dhufeenya idil-addunyaa kan uumuu fi yaada oomishtummaa dabalu kan dhiyeessuudha.Gama biraatiin, Hoji-raawwachiisaan Qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa Ministeera Barnootaa Dooktar Saraawiit Haandisoo, gabaa bunaa Itoophiyaa fooyyessuuf qorannoowwan gara hojiitti hiikamuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.Yaa’ichi boru xumurama.Amdawarqi Shibaabbaawutu gabaase#Oromia #Ethiopia