Mootummaan jijjiirramoota caasaawaa badhaadhina biyyaalessaa ariifachiisan milkaa’inaan raawwachaa jira – Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 24, 2018 (FMC) – Mootummaan ajandaawwan waaraa irratti xiyyeeffachuun jijjiirramoota caasawaa badhaadhina biyyaalessaa ariifachiisan milkaa’inaan raawwachaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.Tajaajilli kun ibsa baaseen, sirni tajaajilli mootummaa ammayyaa ‘Itoophiyaa Diijitaalaa’ bu’uura godhateefi iftoomina mirkaneesse kun, qabatamaan bu’aa fidaa kan jiru ce’umsa biyyaalessaa guddaadha jedheera.Keessattuu, tarkaanfiiwwan libiraalaayizeeshinii damee teeleekoomii hafuura dorgommii uumuun, walgahiinsa intarneetiifi walitti hidhamiinsa diijitaalaa saffisa olaanaan guddisuu danda’uu agarsiiseera.Sirni eenyummeess diijitaalaa biyyaalessaa ‘Faayidaa’haqa hawaasummaafi diinagdee mirkaneessuuf murteessaa ta’es milkaa’inaan hojiirra oolaa jira jedhame.Sirni kun yeroo gabaabaa keessatti lammiilee miliyoonaan lakkaawwaman fayyadamaa gochuun hammatamummaa faayinaansii mirkaneessuu bira darbee, qabeenya mootummaa karaa haqa-qabeessa ta’een hiruufi deeggarsa kutaalee hawaasaa dhimma kana barbaadaniif sirnaan waliin ga’uu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ‘Hidha Haaromsaa keenya lammaffaadha’ jechuun ibseera.Dhiphina lammiilee hambisuufi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf tajaajilawwan mootummaa gara filannoo diijitaalaatti jijjiiruuf carraaqqiin taasifamu damee biraa milkaa’inni qabatamaan itti galmeeffamedha kan jedhe ibsi kun, tajaajiloota isaanii karaa elektirooniksiin kennuu eegaluun adeemsai wal-xaxaa biirookiraasii sadarkaa olaanaan akka hir’atu ta’eera jedheera.Kanaan walqabatee kaffaltiiwwan mootummaa sirna kaffaltii diijitaalaatiin akka raawwataman taasifamuun, qaawwa saamichaafi malaammaltummaa cufuun, galii mootummaa sadarkaa olaanaan guddisuufi qabeenya hojiiwwan misoomaatiif oolchuuf mijaawaa uumuu danda’eera.Ceumsa diijitaalaa kanaaf fooyya’iinsi diinagdee biyya keessaa utubaa ijoo yoo ta’u, dameen kun keessattuu dargaggootaaf carraa hojii uumuu keessatti shoora guddaa taphachaa jiraachuu ibseera.Dargaggoota kalaqa teeknooloojii irratti bobba’aniif (Istaartaappotaaf) naannoo mijaawaa uumuu, daldalaan deeggarsa seeraa fooyyeessuufi filannoowwan dhiyeessii faayinaansii babal’isuun, Itoophiyaan waggoota dhufan keessa wiirtuu teeknooloogii Afrikaa akka taatuuf bu’uura cimaa kaa’eera jedheera tajaajilichi.Mootummaan damee kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun isaa xiyyeeffannoo dhaabbilee teeknooloojii addunyaa hawwachuun, investimentii kallattii alaa harkisuu keessatti bu’aawwan jajjabeessoon galmeeffamaa jiraachuu agarsiiseera.#Oromia #Ethiopia