Har’a agarsiifni suuraa hojiilee misoomaa fi namarratti xiyyeeffachuun waggoottaan shanan darban keessa hojjetaman mul’isu Addabaabayii Masqaalaatti banameera.Agarsiisa suuraa mata duree ‘Jijjiirama fuula dulloome simboo miidhaginaan uwwise!’ jedhuun qophaa’e kana Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen bananiiru.Suuraaleen kunneen ga’umsa raawwachuu kan mirkaneessan, amanamummaan tajaajiluu, kaka’umsaa fi gootummaa misoomaaf ragaa ta’uu qofa osoo hin taane, mul’ata guddinaa, cichoomina kaayyoo, dhaamaatii adda hin cinnee, qindoomina cimaa mootummaa fi ummataan kan dhugoome ashaaraa walooti jedhan Kantibaa Adaanech Abeebeen ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.Kantibaa Adaanech Abeebeen, agarsiisa guyyoota shaniif turu kana ummanni Itiyoophiyaa akka daawwatan affeeraniiru.