Finfinnee, Ebla 23, 2018 (FMC) –Ogeeyyii buleeyyii Afrikaa fi Afrikaan alaa dabalatee hirmaattoonni kuma 10 irratti kan argaman Feestivaalli aartii ogummaa Kalaqa idil addunyaa Kiraafti Addis jedhamu Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jira.Feestivaalichi Ebla 22- 24, 2018 kan turu yoo ta’u, ogeeyyii hojiilee damee ogaartii, Dizzaayiniin, faashinni fi kanneen biroorratti bobba’an hojii isaanii gabaaf dhiyeessu.Waltajjii Afrikaa muxannoon itti waliif qoodamuu fi walitti hidhamiinsa gabaa bal’inaan itti uumamuudha jedhame.Saaraa Siyyumiin