Finfinnee, Ebla 22, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaa torbee 29ffaan har’a taphoonni 4 ni taphatamu.Waaree booda sa’aatii 7:00 eegalee Hadiyyaa Hoosa’iinaan Istaadiyeemii Finfinneetti Maqalee 70 Indartaa yoo keessummeessu, sa’aatii 10:00 jalqabee ammoo Aarbaa Minci Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin taphata.Sa’aatii 9:00 eegalee bara kana taatee addaa Piriimeer Liigichaa kan ta’e Nageellee Arsiin Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Faasiil waliin yoo taphatu, galgala sa’aatii 12:00 eegalee Bunni Itiyoophiyaa Yuunivarsiitii WalwaalooAddigraat waliin morkata.Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Bunni Sidaamaa qabxii 54’n liigicha yoo dursu, Machaal qabxii 47’n sadarkaa 2ffaa fi Nageellee Arsiin qabxii 44’n sadarkaa 3ffaarratti argamu.#Oromia #Ethiopia