Finfinnee, Ebla 24, 2018(FMC) – Paartiin Badhaadhina sagantaa duula nafiladhaa filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeessaa jira.Duulli nafilaadhaa kun mata duree ‘Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaatti’ jedhuun gaggeeffamaa jira.Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dabalatee kaadhimamtoonni Mana Maree Finfinnee fi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dorgoman saganticharratti argamaniiru.Waggoottaan darban waadaa ummataaf galle qabatamaan hojiitti hiiknerra jedhan Kantibaa Adaanech Abeebeen saganticharratti ergaa dabarsaniin.Hanqina dhiyeessii manneen jireenyaa, Bishaan dhugaatii fi bu’uuraalee misooma geejjibaa dabalatee hojiilee bal’aan hojjetamuu kaasan.Ammas rakkoolee hafan furuuf caalmaatti cimnee hojjechuuf qophoofnerra jedhan.Jiraattoonni kutaalee magaalaa Finfinnee hundarraa walitti babba’an sagantichaarratti hirmaachaa jiru.Maraa’ool Kadiriin.#Oromia #Ethiopia